Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC)- Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa nageenyaa fi mirga hojjetaa kabachiisuuf rakkoolee gama ejensiiwwaniin mudatan furuuf xiyyeeffannoo hojjetamaa jira jedhe.
Mootummaan carraa hojii dargaggootaaf biyya keessaafi alatti uumuu qofa osoo hin taane naannoo hojii mijataa fi nageenya hojjetaa eegsisuufis kallattii adda addaan hojjechaa jira.
Lammiileenis bobbii hojii biyya alaatiin dandeettiifi humna qabaniin hojjetanii mirgiifi nageenyi isaanii eegamee fayyadamoo ta’aa jiru.
Biirichi Magaalaa Adaamaatti waltajjii hubannoo uumuu qopheessuun ejensoota dhuunfaa biyya keessaa fi alaa hojjetaafi hojjechiisaa walitti fidan waliin marii taasisaa jira.
Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa saganticharratti haasawa taasisaniin, kaayyoon waltajjichaa hubannoo uumuun bobbii karaa seeraan alaa taasifamu hambisuufi seera qabeessa taasisuufi jedhan.
Walhubannoon akka jiraatuufi qajeelfamniifi labsiin bobbii hojjetaa sirnaan akka raawwatamu hubannoo ejensootaa cimsuufis waltajjii murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Akka biyyaattis godaansi seeraan alaa Oromiyaa keessatti akka baay’atu kan eeran Obbo Araarsoon kana hambisuufis ejensiiwwan qajeelfamaa fi labsii bobbii biyya alaa eeguu akka qaban yaadachiisaniiru.
Labsii bobbii hojii biyya alaa lakkoofsa 923/2008fi bara 2013 fooyya’e lakkoofsa1246 irratti hubannoon ejensootaaf kennamaa jira.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.