Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Biiroon fayyaa Oromiyaa moosaajii ‘Odacare dijital solution’ jedhamu kan tajaajila fayyaa dijitaalomsuuf gargaaru ifoomseera.
Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti hogganaan kilaastara hawaasummaa Oromiyaa obbo Sadaat Nashaa, Hoggantuu Biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa, Itti Gaafatamtoonni Waajjiraalee fayyaa godinaalee Oromiyaa sagantaa eegalchiisa moosaajii kanarratti argamaniiru.
Moosaajiin guyyaa har’aa ifoome kun rakkoolee fayyaa duraan turan furuun kenniinsa tajaajila fayyaa caalmaatti si’ataa kan taasisuudha jedhame.
Biirichi gamaaggama raawwii hojii seektara fayyaa kurmaana 2ffaa kan bara 2018’f gaggeessaa jira.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.