“Biisti Baar” Mallattoo Waloomaa fi Walkabajuu…

Finfinnee, Amajji 1, 2018 (FMC) – Jijjiirama uumamaa dudha aadaa waliin firoomsanii waggaa jijiirrachuun gara boqonnaa bara haaraatti kan ce’an miseensonni saba Beenchi, ooyiruun firii kennee gootaraa fi maaddiin isaanii yoo guutu, guyyoota jalqabaa baatii Amajjiitti gara boqonnaa haaraatti ce’uu labsatu.

Bara jijjiirratu, Waaqa hunda uumeef galata galchu.

Ayyaanni jijjiirraa baraa fi galataa saba Beenchi kun ”Biisti Baar” jedhamuun beekama.

‘Biisti’ jechuun kan jalqabaa, angafa jechuu yoo ta’u, ‘Bar’ jechuun ammoo ayyaana akka jechuu ti.

Miseensonni saba Beenchi ooyiruun ga’ee firii kennuu yoo jalqabu, yeroo midhaan angafti itti dhandhamamu ‘ Biisti Baar’ kabajatu.

Angafa midhaan isaanii yoo dhandhaman angafummaaf dursa akka kennan beekaan aadaa saba kanaa obbo Damisee Sookiyaab ni dubbatu.

Maatii keessatti hundaaf angafa kan ta’e jalqaba dhandhamuu qaba. Akaakayyuu, Abbaa, Ilma hangafa ykn hundaaf hangafa kan ta’e dursi kan kennamuuf yoo ta’u, sirni kun akkaataa duraa duuba umriitiin hanga dhumaatti itti fufa.

Midhaan angafaa maatiidhaan erga dhandhamamee booda, namni qe’ee sana keesaa jiru kamuu waliin nyaachuu eegalu.

Ayyaana sabni Beenchi waloomaa fi waliif yaaduuf dursa akka kennu argisiisu kanaan maatiin midhaan dursee ga’eef ollaa isaa midhaan hinqabneef qooduuf dirqama qaba; kophaa midhaan angafaa dhandhamuun safuu dha; aad-malee dha.

Ayyaanni kun Uumaafis galanni kan ittiin dhiyaatuu dha.

Uumaan midhaan cabbii, lolaa fi balaa kam irraa eegee ija akka godhatu waan gargaareef, miseensonni sabichaas nagaa fi fayyaa ta’ee gara bara haaraatti waan ce’eef, Uumaaf galata dhiyeessu.

‘Biisti Baar’ gammachuun qe’ee isaanii kan itti guutu, abdii haaraan ifaa fi guyyaa haaraa waliin kan itti dhalatu ayyaana addaa ti.

Jibbaa fi haalloo qabatanii ayyaanicha kabajuunis hindanda’amu; kan wal lole dursee abbootii duratti araarama.

Ayyaanni jibbaa fi haalloo jaalalaan itti mo’an, eebbi dhiifama itti ibsamu, waloomaa fi jaalalaan kan itti mul’atan, ayyaanni ‘Biisti Baar’ barootaaf addaan citee turus barana yeroo 3ffaaf kabajama.

Tasfaayee Mirreessaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment