Bilisummaa fi haqa qabeessummaa filannoo mirkaneessuuf hirmaannaan dargaggootaa murteessadha – Aadde Roozaa Biyyaa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Haqa qabeessummaa, diimokiraasummaa, fudhatummaa fi bilisummaa filannoo guddisuuf hirmaannaan dargaggootaa daran murteessa jedhan Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaan.

Dargaggootni filannoo bara kanaa keessatti adda dureen akka hirmaatan jaarmiyaalee dargaggootaa waliin ta’uun namuusa filannoorratti hubannoo dargaggootaa caalmaatti cimsuuf leenjiiwwan garaagaraa hanga sadarkaa gandaatti kennamaa jiraachuu dubbatan.

Dargaggoonni miiraan osoo hin taane duula nu filadhaa paartileen gaggeessaan akkaan hordofuun paartii isaan fayyadu sirnaan hubatanii filachuu qabu jedhan.

Filannoon yeroo sodaa fi jeequmsa osoo hintaane, filannoon yaadaa fi tarsiimoo paartilee ta’uu beekuu fi hubachuun qaama itti amanan akka filatanbara kana xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Dargaggootni sagalee isaanii kennuun bu’aa filannoos fudhachuun ijaarsa diimokiraasii, guddina biyyaa mirkaneessuu fi egeree dargaggootaa caalmaatti mijataa taasisuuf qophaa’uu qabu jedhan.

Bara kana adeemsi galmee karaa diijitaalaan ta’uun isaa ammoo bilisummaa fi haqa qabeessummaa caalmaatti ni guddisa jedhan.

Dargaggoonni ammoo qaama kamiiyyuu caala teeknooloojiitti fayyadamuuf hubannoo waan qabaniif hirmaannaa isaanii caalmaatti cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu eeran.

Dargaggoonni olola garaagaraarra of qusachuun yaadaa fi tarsiimoo paartiileen dhiyeessan irratti qofa xiyyeeffachuu qabu jedhan.

Qaamoleen kamiiyyuu dargaggootaatti fayyadamuun ololaa fi jeequmsa kaasuuf yaalu waan ta’eef, jeequmsaa fi hokkora yeroo filannoo uumamuu malu qolachuu keessatti dargaggoonni gahee isaanii akka bahatan dhaaman Aadde Roozaan.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment