Biqiltuu sagantaa Ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuun barbaachisaadha – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018(FMC) – Biqiltuu sagantaa Ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuun barbaachisaadha jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun.

Hooggansiifi hojjettonni biirichaa biqiltuu ganna darbe dhaaban Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti bishaaan obaasuun kunuunsan.

Biqiltoota yeroo gannaa dhaabneef kunuunsa barbaachisu taasifneerra jedhan hojjettoonni Biiroo Qonnaa kunneen.

Uummanni Oromoo aadaafi duudhaa qabeenya uumamaa akka daa’ima isaatti kunuunsuufi eeguun tursiisuurratti qabu cimsuun biqiltuu ganna darbe dhaabuun itti fufiinsaan kunuunsuun murteessaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachhu himan.

Yeroon kunis, kunuunsa biqultuuf mijataa waan ta’eef ji’a kunuunsa biqiltuu akka Oromiyaatti labsamee jiru kanarratti hunduu hirmaachuu akka qabu dhaaman.

Sadarkaa dandamannaa biqiltuu ashaaraa magariisaa yeroo ammaa 84.5% irra jiru kana danaluuf qaamoleen hawaasaa hundi biqiltuu ganna darbe dhaabaan itti fufiinsaan kunuunsuu akka qaban Obbo Geetuun gaafataniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment