Biqiltuuwwan dhaaburra darbee kanneen dhaabaman kunuunsuun barbaachisaadha- Aadde Ayinaalem Nugusee

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen biqiltuuwwan dhaaburra darbee kanneen dhaabaman kunuunsuun barbaachisaadha jedhan.

Hoggantoonni Olaanoon Ministeera Galiiwwaniifi Komishinii Gumruukaa guyyaa har’aa Magaalaa Bishooftuu mooraa Mana Barumsaa Qumbursa Abdii Guddinaa keessatti biqiltuu dhaabaniiru.

Aadde Ayinaalem wayita kana akka jedhanitti, sadarkaa biyyaalessaatti duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu gaggeeffamaa jirurratti kaka’umsa olaanaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hirmaannaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa keessatti taasisan kan itti fufu ta’uu kaasanii, biqiltuu dhaabuurra darbee hundi kanneen dhaabaman kunuunsuu akka qabu hubachiisan.

Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalee Qaabataa gamasaaniin, biyyi magariisa akka uffattuuf komishinichi yeroo mara itti gaafatamummaa isaa ni bahata jedhan.

Bisraat Mangistuutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment