Birrii biliyoona 2 ol qisaasama irraa baraaruun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2017 (FMC) – Hojii ittisa malaamaltummaa ariifataan qabeenya uummataa fi moorummaa birrii biliyoona 2 ol qisaasama irraa baraaruun akka danda’ame Komiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa ibse.
Hoji raawwachisaa dursaan Qorannoo Ittisa Malaammaltummaa Komiishinichaa Gazzaahany Gaashaawu, barnootaa fi leenjii ijaarsa dhalootaan, sirna hojimaataa dhaabbilee keessattis ittigaafatamummaa seeraa diriirsuuf dhaabbilee adda addaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Baatiiwwan 9’n bara baajetaa kanattis komiishineroota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoolee waliin raawwii hojii gamaaggamuu kaasanii, hojiiwwan ittisa malaammaltummaa 500 ol raawwatamuu TOItti himaniiru.
Kanaanis lafti baadiyyaa fi magaalaa kaaremeetirri Miliyoonni 100 fi miliyoonni 90’n akkasumas birriin biliyoonni 2 fi kumni 200 qisaasama irraa baraarameera jedhan.
Comments (0)
Add Comment