Biyya keenyatti guddina diinagdee ariifataa itti fufsiisuu dandeenyeerra- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Biyya keenyatti guddina diinagdee ariifataa itti fufsiisuu dandeenyeerra jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mata duree ” Daawwannaa Mana Maree Ministirootaa Kooyishaatti” jedhuun gamaaggama raawwii hojii guyyoottan 100 jalqabaa bara baajataa 2018 Ministiroota waliin hidha Kooyishaatti gaggeessaniiru.

Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti muddama ji’oo-poletiksiifi haala idil-addunyaa tilmaamuun hin danda’amne keessatti guddina diinagdee ariifataa itti fufsiisuun danda’ameera.

Kunis bu’aa ida’ama dhimmoota gurguddoo sadii ta’uu eeruun, inni jalqabaa jijjiiramaan booda kan uumame jijjiirama ilaalchaa ta’uu ibsan.

Yaadama ida’amuun dameewwan hunda keessatti dandeettiiwwan hunda ida’uun guddinaafi badhaadhina biyyaaf akka ooluuf hojjenneerra jedhan.

Haluma Kanaan karoorawwan Itiyoophiyaa madaalan baasuun, qajeeltoo ariitii fi uumuun akkasumas qormaatilee gara carraatti jijjiiruun karoorawwan milkaa’inaan hojiitti jijjiiruuf hojii hojjetameen bu’aa argame ta’uu ibsaniiru.

Sababni lammaffaan dandeettii raawwachiisummaa, kutannoofi carraaqqii hoggansaa ta’uu kaasanii, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggansi qabeenyaa fi carraa misoomuu naannawaa isaa akka misoomsuuf fakkeenya ta’aniiru jedhan.

Hirmannaa fi tumsi uummataa, damee dhuunfaa fi hawaasa siivilii guddachuun ga’ee taphachuu akka sababa 3ffaatti kaasaniiru.

Uummata waliin mari’achuun gaaffilee dhiyaatan akka galteetti fudhatanii hojjechuun hojiin hawaasa waliin waliigalteen hojjechuu cimanii itti fufuu akka qaban eeraniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa salphisuu, carraa hojii uumuu, kenna tajaajilaa ariifataa gochuu, dhimmoota nagaa fi tasgabbii waliin wal qabatan irratti mootummaan hawaasa waliin ta’uun akka hojjetu hubachiisaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment