Biyyaafi biyyoo abbaatu eeggata – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Biyyaafi biyyoo abbaatu eeggata jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duula eegumsa biyyoo fi bishaanii guyyaa boruu akka naannoo Oromiyaatti eegalamu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala argamaan gadiin dhiyaateera.

“Biyyaafi Biyyoo Abbaatu Eeggata”

Addunyaan hariiroo madaala uumaaf uumamaan tikfamti. Uumamni kunneenis asaasa uumamaatiin seeraafi sirna isaanii eeggatanii tokko kan biroof hirkoo ta’uun waliin jiraatu. Ulfinni uumamaas madaala kana bifa ta’uun tiksuun ijaarama.

Deemsa uumamaa kana kan hubate Oromoon gaarri wayyu bosonaan miidhaga, Burqaan wayyuu adiyootti hin hambifamu, dachaanis wayyu bishaan keessaa hin dhabamu jechuun afoolaan hojii kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa dhaloota hubachiisaa seeraafi sirnaanis qajeelchaa dhufe. Safuufi safeeffannaa uumama tiksuuf qabuunis seera tumee lallabuun uumamni ida’amee waliin akka jiraatu duudhaa keenya ganamaatu nu barsiise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa safuufi duudhaa ganamaa itita seera sirna Gadaatiin qajeelfamuun qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf uummata isaa qindeessee tajaajila lammummaatiin waktii Bonaa hojii Misooma Sululaa fi waktii Gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin gola Oromiyaa hundatti hojii qabeenya uumamaa manca’e deebisuu hojjetameen injifannoon galmaa’aa dhufeera. Akkuma abbootni keenya safuufi duudhaan nuuf kudhaamanii ergaa jabaa afoolaan nu dhaalchisanitti har’as biyyaafi biyyoo abbaatu eeggata kan jedhu jabeessinee amanuun hojii mootummaafi uummata keenyaa kan guyyaa guyyaa taasifanneerra.

Ummatni keenyas harkasaa gootummaa aadeffate diriirsee duudhaa isaafis ulfina kennee madaala uumamaa dabe deebisuuf hojii waggoottan torban darbe hojjetameen sululootni hedduun misoomanii, biqilootni biliyoona hedduunis dhaabamanii kunuunfamaa jiru. Gaarotni duwwaatti hafanii turan bosonoomanii dachaawwan goganii turanis mirgisanii dacheen Oromiyaa qe’ee gaaddisa ganamaatti deebi’uu eegaleera. Uwwisni bosona naannoo keenyaa mancaatii mudateen % 17 tti gad bu’ee ture gara % 29tti olguddachuu danda’eera.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; milkaa’inni kun dirree xiiqiitti bobbaatanii injifannoo xiiqii galmeessitanii dafqa keessaniin gaaddisa dhalootaa dhaabuuf murteessuu keessan irraa kan maddedha. Hojiin misooma Sululaa hojjetamaa dhufe kun guddummaa Oromoo kan olkaase maraarfannaa uumamaaf qabnus kan mul’isedha.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; Qabeenyi uumamaa hojii altokko hojjechuun yeroo biraa dhaabbatu miti. Itti fufiinsaan hojjechuun madaala uumamaa tiksuu kan gaafatu jiruu ilma namaa yeroo maraati. Akka Oromoottis dhugaa kana bira kan darbe aadaa abboota keenyarraa dhaalle dhaloota dhaalchisuuf hojjennu hojmanee keenya safuun masaknee itti fufiinsaan imalludha.

Bara 2018 kanas mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama guddaa qabate kana milkeessuuf hojii misooma sululaafi eegumsa qabeenya uumamaa dhaadannoo Misoomsuu, Kunuunsuufi Eeguu Olka’iinsa Biyyaaf jedhuun guyyoota Jaatamaaf gaggeeffamu Amajjii 5/2018 gola Oromiyaa hundatti ni eegalchiifama. Hojichi tajaajila lammummaatiin kan hojjetamu yoo ta’u; qaamolii hawaasa garaagaraa miliyoona 9.8 oltu irratti hirmaata.

Hojii misooma Sululaa waktii Bonaa hojjetamu kanaan suluuloota 6,386 keessatti lafa hektaara miliyoona 3.1 ol irratti hojii eegumsa biyyeefi bishaanii hojjechuuf kan karoorfame yoo ta’u sululootni 5930 GPS adda baasuun danda’ameera.

Milkaa’ina misooma sululaa waktii Bonaa hojjetamu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuun gosa garaa garaa biliyoona 5.4 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii kunuunsaaf eegumsa qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo addaa kennee gaaddisa egeree har’a dhaabuuf kutannoon hojjechaa jira. Galmi keenya madaala uumamaa tiksuun dinagdee magarisaa milkeessuudha. Uummata keenya waliin qindoofnee ni hojjenna; ni milkoofnas!
Amajjii 5 hunduu harkasaa misooma sululaaf haa diriirsu; biyyaafi biyyoo keenyas waloon haa eeggannu!

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment