Biyyi beekumsa malee ijaaramtu hin jirtu- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan biyyi beekumsa malee ijaaramtu hin jirtu jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa pirojektii Maaddiin Dhalootaaf Magaalaa Hayiq cinaatti mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi Giddugaleessaa Maaddiin Dhalootaaf Lakkoofsa 1 abbaa qabeenyaa Balaayinee Kindeen ijaarame daawwanneerra jedhan.

Hojii misoomaa naannoo tokkotti hojjetamu yoo deggarreefi kunuunsine naannawicha ni jijjiirra jedhan.

Uummanni naannawaa magaalaa Hayiq pirojektii Maaddiin Dhalootaaf hojjetamu waan deeggareefi nageenya isaa waan kabachiiseef ijaarsi mana barumsichaa xumuramuu ibsan.

Guyyaa har’aa kitaabota kuma 4 fi 250 Mana Kitaabaa Abrihoot irraa arganne mana barumsichaaf kennineerra jedhan.

Hojiilee misoomaa mootummaa, uummataafi abbootii qabeenyaa naannawaa keenyatti hojjetaman haa kunuunsinu, haa deeggarru, akka milkaa’aniif cinaa haa dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment