Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad biyyi kan ijaaramtu walharkaa fuudhiinsa dhalootaani jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mata duree “ Marii Soofumar” jedhuun hoggantoota duraaniifi yeroo ammaa hojiirra jiran waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana biyyi dhaloota tokko qofaan osoo hin taane wal harkaa fuudhiinsa dhalootaan kan ijaaramtu ta’uu ibsan.
Dhaloonni bakka sadiitti akka qoodamus eeraniiru.
Kan jalqabaa dhaloota darbe ta’uu kaasanii, mukkeen kaleessa dhaaban, ashaaraawwan kaa’aman fi yaadamoota turan ta’uu eeraniiru.
Kan lammataa dhaloota ammaa jirudha kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, eenyummaan isaa gartokkeen yaadamoota dhaloota jalqabaarraa fudhatame ta’uu ibsan.
Dhaloonni sadaffaan ammoo dhaloota egeree jedhamuun kan beekamu ta’uufi kan nurraa dhagaheefi ilaale fudhachuun eenyummaa isaa bocu akkasumas dhiiga dhalootaa qofa osoo hin taane yaadamoota illee qooddatudha jedhan.
Dhimma kana haaluun rakkoo uumaa akka jiru kaasanii, kaleessi nurratti gaaddisa qabaachuu amanaa wayita deemnu gahumsi nuti biyya ijaaruuf qabnu guddachaa adeema jechuun ibsaniiru.
Wanti uumamaa kan hin jijjiiramne ta’uu amannee fudhachuu qabna jedhanii, namoonni amma jirtan carra qabeeyyii ta’uu keessan hubachuun adeemsa Kanaan deemuun ala qofaatti biyya nan ijaara jedhanii yaaduun kan hin danda’amnedha jechuun hubachiisaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.