Boba’aa qusannoon fi wantoota bu’uuraaf dursa kennuun fayyadamuu qabna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad boba’aa qusannoon fi wantoota bu’uuraaf dursa kennuun fayyadamuu qabna jedhan.

Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, muddama Baha Giddugaleessaatti mudateen biyyoonni boba’aa bitanii fayyadaman akka garaa isaaniitti argachuu hin dandeenye jedhan.

Kanaaf rakkichi furamee sirna dhiyeessii boba’aa idileetti hanga deebinutti boba’aa qusannoon fi rakkoolee bu’uuraaf dursa kennuun fayyadamuutu nurra jira jechuun dhaaman.

Raabsitoonni, buufataaleen boba’aa fi fayyadamtoonni boba’aa qusannoon fi rakkoolee bu’uuraaf dursa kennuun itti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment