Boba’aan liitirri kuma 7 fi 800 ol to’atame

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Boba’aa Beenzilli liitirri kuma 7 fi 831 geejjibsiifamaa ture to’atame.

Boba’aan kun Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti seeraan ala konkolaataa fe’umsaa Ayisuuzuun osoo geejjibsiifamuu Poolisiin to’atamuun ibsameera.

Boba’aan to’atames Buufata Boba’aatti akka gurguramu taasifamuun mallaqni Birrii kuma 700 fi kuma 94 fi 611.57 lakkoofsa herregaa faayinaasii cufaarratti akka galu taasifamuu ragaan Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Gochaa akkanaa to’achuuf hawaasni tumsa baratame akka taasisus waamichi dhiyaateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment