Boordichi Abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 88 ol galmeessaniif lafa Invastimanti murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC)- Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 781 ol ta’an Kaappitaala Birrii biiliyoona 88 ol galmeessisaniif lafa Invastimantii murteesseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaa as seektara invastimanitiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojiilee hojjechaa jiruun abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa bal’inaan simachaa jira.

Boordiin Invastimantii Oromiyaa walga’ii gaggeesseen abbootii qabeenyaa biyya keessaa, biyya alaa (FDI) qonnaan bulaa adda duree, waldaalee IMX fi waldaalee hojii gamtaaf lafa Invastimantii murteesseera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen wayita hojiitti galan namoota kuma 300 fi kuma 44 oliif carraa hojii ni uumuu jedhameera.

Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa obbo Ahimad Idiriis, Naannichatti Invastimantii babal’isuu fi bu’a qabeessa taasisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira jedhan.

Haaluma kanaan kallattii Boordiin Invastimantii Oromiyaa kaa’een Abbootiin qabeenyaa murtii Boordii argatan kunneen deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa taasifameefiin hojiitti akka galan obbo Ahimad hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.10:34

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment