Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Boordiin filannoo biyyaalessaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ilaalchisee bakka buutoota Paartilee siyaasaa waliin mari’ateera.
Boordichi har’a paartii biyya bulchaa jiru dabalatee bakka buutoota paartilee siyaasaa garaagaraa waliin mari’ateera.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan Filannoo walabaa fi haqa qabeessaa akka ta’u, eenyurraa maaltu akka eegamu, sona siyaasaa mijataa uumuu, yeroo itti aanu mariin haala kamiin akka gaggeeffamuu qaburratti qaamolee kanneen waliin mari’achuu fi yeroo itti aanus dhimmoota kamiiyyurrattuu mari’achuuf karri boordichaa banaa ta’uu ibsan walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluun.
Dhimmoota sirrachuu, guutumuu fi haalawwan mijachuu qaba jedhanirratti hirmaattonni marichaa yaadaa fi gaaffii dhiyeessaniiru.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluunis yaadaa fi gaaffii dhiyaateef ibsaa fi deebii kennaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.