Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa haala nageenyaa iddoowwan Filannoon Waliigalaa 7ffaan gaggeeffamu irratti paartilee siyaasaa waliin mari’ateera.
Waltajjii kanarratti Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarq Hayiluun akka jedhanitti, Boordichi dhimmoota bira gaheefi tarkaanfiin sirreeffamaa irratti fudhatamuu qaba jedhurratti qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu sirreeffama akka taasisaniif tattaaffii gochaa jira.
Paartileen siyaasaa iddoowwan boordichaaf dhiyeessan irratti koree hordoffiifi to’annoo paartilee siyaasaafi dhaabbilee siiviilii hawaasaa irraa walitti babba’an kan bobbaasu ta’uus mirkaneessaniiru.
Duula na filadhaa, sosochii hojii raawwachiistota filannoo fi haala dirree siyaasaa ilaalchisees ibsa kennaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.