Boqonnaa olka’iinsaa…

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC) – Bara baraan wayita bara haaraa kabajnu, xiyyeeffannaan keenya waggaa darbe nagaan gaggeessinee, bara haaraa gammachuudhaan simachuun, jireenya guyyaa guyyaa jijjiirama lakkoofsa kalandarii waliin walqabsiisuu irratti kan daangeffame dha.

Haa ta’uutii yeroon amma irratti argamnu, kan duriirraa adda kan ta’e, ce’umsa baraa baratti ce’uu irra kan darbe seenaa guddaa kan qabuudha.

Barri kun bara dhawa itti lakkoofnu qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaan boqonnaa qormaataa bara dheeraaf itti fe’amaa ture keessaa baatee, gara misooma itti fufiinsa qabuufi badhaadhinaatti ce’uuf imalarra jirtu, boqonnaa seenaati.

Bu’aa ba’iin diingadee, hawaasummaa fi siyaasaa obsa ummata kan qoran, imala biyyaalessaa gara sodaatti harkisaa turaniiru.

Haa ta’uutii waggoota shanan darban keessa riifoormii fi kallattiin misoomaa yaadama mootummaa ida’amuun hojiirra oolaan kallattii kana guutummaatti jijjiiraniiru.

Milkaa’inoonni waggoota darban keessatti galmaa’an, marsaa guddina Itiyoophiyaa gara olka’iinsaatti kan ceesisanidha.

Haalli kaleessa abdii nu kutachiisanii fi gufuu nutti ta’aa turan har’a bakka isaanii bu’uuraalee cimaa fi olka’iinsaaf iddoo gadi lakkisaniiru.

Milkaa’inoonni damee qonnaa,Indaastirii, Diinagdee Diijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaan argaman boqonnaa seenaa haaraa bananiiru.

Har’a kan miilla’annu kufaatii kaleessaa osoo hin taane abdii boruu Itiyoophiyaa dhugoomsuun imala olka’iinsaa itti fufsiisudha.

Har’a Itiyoophiyaan hojii misoomaa cimaa hojjechuun, biyya bu’uura jabaa irratti ijaaruu irratti argamtudha.

Imalli olka’iinsaa kun fedhii qofaan osoo hin taane dhugaa qabatamaan lafarratti mul’achaa kan jiruudha.

Dameen qonnaa Itiyoophiyaa oomisha midhaanii guddisuu, qonna ammayyeessuu, jallisii babal’isuu, sanyii filatamaa fayyadamuu, horsiisa beeyladaa cimsuu fi gabaa qonnaa fooyyeessuu irratti bu’aawwan mul’atan galmeessiseera.

Milkaa’inoonni kun galii qonnaan bultootaa guddisuu fi dinagdee biyyaatiif gumaacha taasisuu keessatti gahee bahachaa jira.

Hojiin qonna ammayyeessuu bara baajataa 2019 keessas caalmaatti cimee kan itti fufa.

uddina diinagdeefi ce’umsa indaastirii biyya tokkoof akkasumas badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf dhiyeessiin anniisaa gahee olaanaa qaba.

Itiyoophiyaanis imala olka’iinsaa dameewwan garaagaraa keessatti jalqabde dhugoomsuu kan dandeessu, bu’uuraalee misoomaa anniisaa amansiisaa fi itti fufiinsa qaban yoo qabaatte qofa.

“Haaromsa Itiyoophiyaa humna elektirikaa malee yaaduun hin danda’amu. Dhiyeessiin humnaa elektirikaa lafee dugdaa ce’umsa indaastirii, qonnaa fi teeknooloojii keenyaati. Humna elektirikaa kan oomishnu ofii keenyaaf qofa ifa argachuuf osoo hin taane, biyyoota naannawichaa dinagdeen walitti hidhuu fi obbolummaa Afrikaa misooma waloo irratti hundaa’e cimsuuf dha,” jechuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahmed wayita tarbaayiniin jalqabaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa humna elektirikii oomishuu eegalu dubbatanii turan.

Dubbiin isaanii kunis badhaadhina waliigalaa biyya tokkoof humni elektirikaa hangam murteessaa akka ta’e kan agarsiisudha. Ciminni dinagdee biyya tokkoo fi badhaadhinni uummata ishee, sadarkaa dhiyeessii anniisaa qabdurratti hundaa’a.

Itiyoophiyaan waggoota shanan dhufan keessatti olaantummaa fi dhiibbaa dippilomaasii waggoota darban keessatti mirkaneessite daran cimsuuf mul’ata tarsiimawaa guddaa qabattee jirti.

Xiyyeeffannoon ishee inni guddaan biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsa diinagdee fi bu’uuraalee misoomaa guddisuu, gurgurtaa humna elektirikaa Hidha Guddicha Haaromsaa babal’isuun giddugala anniisaa naannichaa ta’uu, akkasumas gaaffii ulaa galaanaa mirkaneessuudha.

Barri haaraan kun jijjiirama waggaa qofa osoo hin taane, kallattiin keenya guutummaatti kan itti jijjiirramee Itiyoophiyaa gara abdii guddaatti kan geessu boqonaa seenaa haaraati.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment