Bu’a qabeessummaan fooyya’iinsa dinagdee Gooroo biyyoota alaa dabalatee ragaa ba’ameera – Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 29, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fooyya’iinsi dinagdee Gooroo Itoophiyaan beekumsaa fi ogummaa hojiirra oolchite bu’a qabeessa ta’uu isaa biyyoota alaa dabalatee dhugaa ba’ameeraaf jedhan.

Dooktar Abiy guddina diinagdee Itoophiyaa qormaatilee yeroo fi kallattiiwwan gara fuula duraa ilaalchisee gaaffii fi deebii kutaa lammaffaa geggeessani keessatti hojiirra oolmaa fooyya’iinsa dinagdee Gooroo ballinaan ibsaniiru.

Fooyya’iinsi dinagdee Gooroo kan barbaachiseef dhiibbaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaan ykn Baankii Addunyaan osoo hin taane haalonni biyya keessaa dinagdeen banaa akka ta’uuf waan dirqisiisaniif ta’uu hubachiisaniiru

Dinagdicha banuun barbaachisaa akka ta’e erga itti amanamee booda haaluma walfakkaatuun fooyya’iinsi dinagdee Gooroo hojiirra oolchuun biyyoonni adda addaa jila erg7u dabalatee muuxannoo akka fudhataniif yaaliin bal’aan geggeeffameeras jedhan.

Fooyya’iinsa kana hojiirra oolchuuf hoggantoota biyyoota garaagaraa dhaabbata maallaqaa addunyaa, baankii Addunyaa fi dhaabbilee fi waldalee idil-addunyaa addaa addaa waliin gadifageenyaan mari’achuus ibsaniiru.

Muuxannoowan mareewwan.kanneeniin argaman fi haala qabatamaa dingdee biyyaa ilaacha keessa galchuun fooyya’iinsa dinagde mandhalee 1ffaa fi 2ffaan dinagdichi banamuu yaadachiisaniiru.

Kanaanis mindaa kaffaluu fi rakkoolee furuuf fooyya’iinsi dinagdee mandhaleen jalqabaa doolaara biliyoona 10 walitti qabuun hojii milkaa’aa hojjechuu isaa ministirri muummee Abiy Ahimad ibsaniiru.

Haa ta’u malee qabeenya fooyya’iinsa dinagdee 2ffaa hojiirra oolchuuf gargaaru kan jalqabaarraa karaa adda ta’e hordofuun barbaachisaa ture jedhaniiru.

Fooyya’iinsi dinagdee Gooroo kallattiin dhaabbata Maallaqaa Addunyaa waliin kallattiin ykn ammoo fedhii warreen biroo iddoo biraarraa dhufee fe’ame akka hintaane hubachiisaniiru.

Beekkumsi Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa qabu murtaa’aa waan ta’eef haaromsa dhaabbaticha keessaa maddee hojiirra oole utuu ta’ee bu’aaa amma argame kana argamsiisuun akka hindandeenye eeraniiru .

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment