Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) -Bu’aa biyyaalessaa fi kabaja Itiyoophiyaa eegsisuuf hin rafnu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Waggaa 90ffaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa “Samii Leencotaa, Itiyoophiyaa” mata duree jedhuun Bishooftuutti kabajamaa jira.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin bu’aa biyyaalessaa, tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaa kabajchiisuuf rafnee hinbullu jedhan.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota muraasaa asi ijaarsi humna namaa eegale kan jajamu ta’uu kaasanii, ammas ijaarsa humna namaa irratti xiyyeeffannaan hijjetamuu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan hojiiwwan badhaadhina mirkaneessan hedduu hojjechaa akka jirtus ibsaniiru.
Afrikaa keessaa misoomni adda dureen Itiyoophiyaa keessatti geggeeffamaa akka jirus dubbatan.
Waggaa darbe guddinni %9.2 galmaa’uu yaadachiisanii, bara kana yoo xiqqate guddinni %10.3 akka galmaa’u raawwiin hojii ji’a ja’aa ni argisiisa jedhan.
Hojiin dameewwan indaastirii, qonnaa, fi tuurizimiin hojjennu himna nageenyaa cimaan yoo hin ijaaramne gatii hinqabaatu kan jedhan Dooktar Abiy, dhimma kana madaalamisaa eeguun hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Humna dinagdee, siyaasaa fi loltummaan hunda guddisuu yoo dandeenyu Biyya kabajamtee fi sodaatamtu ijoollee keenya dhaalchisuu dandeenya jechuunis hubachiisan.
Waggoota shanan darban tekinooloojiiwwan hedduu hidhachuuf hojjetamaa turuu yaadachiisanii, humna qilleensaa amma qabnu dachaan guddisuuf ni hojjennas jedhan.
#Oromia #Ethiopia