Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Shaggar guyyaa Boruu Biqiltuu miiliyoona 2.8 ol dhaabuuf qophii barbaachisu xumurame jedhe.
Adoolessa 24, 2017 akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun seenaa haaraa hojjechuuf qophiin xumuramee jira jedhe.
Karooricha milkeessuuf qophii barbaachisaa hundi xumuramuu Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Qindeessaan Kilaasatara Qonnaa fi Misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu ibsaniiru.
Biqiltuu bosonaa, miidhaginaafi nyaataa oolan miiliyoona 2.8 kan dhaabatu ta’uu himuun hawaasni kuma 500 olis irratti hirmaatu ta’uun eegama edhan.
Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame milkeessuuf biqiltuuwwan nyaataa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus Obbo Girmaan himaniiru.
Guyyaa kana biqiltuun gosa adda addaa lafa heektaara kuma 1 fi 114 ol irratti ni dhaabbata jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.