Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun maaddii qoode

Finfinnee, Ebla 12, 2017( FMC)- Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun maaddii qoodeera.

Kantiibaan magaalichaa obbo Kadir Juhaar saganticharratti haasawaa taasisaniin, duudhaaleen waldeeggaruufi walgargaruu cimanii itti fufuu akka qaban ibsan.

Magaalaa Dirree Dhawaatti ayyaanonni garaagaraa tokkummaafi walgargaaruun akka kabajaman ibsuun, Ayyaanni Yaadannoo Du’aa Ka’uus haaluma kanaan kabajamaa jiraachuu eeraniiru.

Magaalichitti ayyaanota jaalalaafi tokkummaan kabajamuun kan itti fufu ta’uu kaasanii, deeggarsi guyyaa har’aa taasifames kanaaf agartuu ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment