Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fayyadamummaa hundagaleessa jiraattootaa mirkaneessuuf murannoon hojjetaa jira jedhan Kantibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.
Kantibaa Adaanech Abeebeen har’a dargaggoota kuma 30 hojii haaraa eegalchiisaniiru.
Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa jijjiirama maqaa ishee madaalu galmeessaa jiraachuu himan.
Hojiileen magaalichaatti hojjetaman hundi dhiibbaa jireenyaa kan hir’isan, magaalicha kan ammayyeessan, maqaa gaarii kan ijaaranii fi dhimmoota murteessoo irratti kan xiyyeeffatan ta’uu kaasan ergaa saganticharratti dabarsaniin.
Dargaggoonni dhimmoota yeroorratti xiyyeeffachuurra dhimmoota jijjiirama bu’uura jireenyaa fiduu danda’an irratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaaman.
Dhaloota ga’umsa, beekumsaa fi ogummaan rakkoo furuu danda’u horachuurratti bifa addaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo hunda fayyadamummaa hundagaleessa jiraattoota magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf murannoo fi kutannoon hojjetaa jirra jedhan.
Hojiileen hojjetamaa jiran qormaatilee cichoominaan ce’uun bu’aarratti bu’aa galmeessaa akka jiran eeran aadde Adaanech Abeebeen.
Akkasuma fayyadamummaa jiraattoota magaalichaa bu’uura kan godhatan ta’uu himan.
Dargaggoonni har’a hojii eegalan damee hundaan akka milkaa’an bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsaa fi tumsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu mirkaneessan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.