Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daa’imman miidhaan qaamaa olaanaan mudateef wiilcharii 177 deeggarsaan kenneera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hojiin Finfinnee Afrikaarraa magaalaa daa’imman guddisuun mijattuufi filatamtuu gochuuf eegalle bu’aa buusaa jira jedhan.
Sagantaa Misooma Daa’imummaan Duraa magaalichatti hojiirra oolaa jiruun daa’imman miidhaan qaamaa olaanaan mudate 177’f wiilchariiwwan mijatoo ta’an deeggaruu eeraniiru.
Magaalaan keenya magaalaa haqni hawaasaa keessatti mirkanaa’e akka taatuuf yeroo itti aanutti daa’imman deeggarsicha hin arganne fayyadamoo taasisuuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.
Qaamolee hojii kana qindeessaniifi bulchiinsa magaalichaa waliin hojjetan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.