Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee raawwii gaarii galmeessaniif beekamtii kenne

Finfinnee, Adoolessa 14, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhaabbilee bara baajataa xumurame keessa hojiilee faayadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechuun raawwii gaarii galmeessaniif beekamtii kenneera.

Bara baajataa 2017 hojiiwwan fayyadamummaa uummata mirkaneessan hojjechuun milkaa’ina olaanaa waajjiraalee, dhaabbilee, kutaalee magaalaa fi aanaalee galmeessaniif beekamtii fi badhaasa laanneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanecha Abeebeen.

Haaluma kanaan;
Waajjiraalee miseensa kaabinee ta’an keessaa;
Waajjira Hojiiwwan Diizaayinii fi ijaarsaa, Nageenyaa fi Tasgabbii, Faayinaansii, Barnootaa fi Koominikeeshinii,
Kutaalee magaalaa keessaa:-
Kutaa magaalaa Boolee, Aqaaqii Qaallittii fi Lammii Kuraa akkasuma Kolfee Qaraaniyoon yoo badhaafaman
Dhaabbilee miseensa kaabinee hin ta’in keessaa:-
Abbaa Taayitaa kabachiisa Seeraa, Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii, Ejensii galmeessa siivilii fi Jiraattummaa,Ejensii bulchiinsa qulqullinaa badhaafamaniiru.

Akkasumas aanaalee 33 badhaafamoo ta’uu kaasan.
Beekamtii fi baadhaasni kan hooggantoota hundaa, abbootii ogummaa sadarkaan jiranii, qaamolee dhimmi ilaallatuu fi uummata keenya nu waliin hojjeteef kan laatame yemmuu ta’u, kunis cimnee hojjennee fedhii misoomuu uummata keenyaa kan ittiin milkeessinu malee kan nu of irraanfachiisuu miti jechuun ibsan.

Kana waan ta’eef beekamtichi bara baajataa itti aanu cimnee hojjechuun fayyadamummaa uummata akka mirkaneessinuuf amaanaa guddaas dabalateetti jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment