Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC )- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sababa misooma koriidarii fi moofa’uun qabiyyee Mana Amantaa Ortodoksii diigamee ture bakka buusuuf Gamoo hundagalessa ijaarsisee Mana Amantichaaf dabarseera.
Gamoon kun kan ijaarame Kutaa Magaalaa Aradaa naannawaa Piyaasaa bakka addaa Mana Muuziqaa Mahaammuud jedhamuun beekamu qabiyyee Mana amantichaarratti akka ta’ee ibsameera.
Gamichi baajata bulchiinsa magaalichaan kan ijaarame yoo ta’uu, yeroo waggaa tokko keessatti ijaaramee kan xumurameedha.
Sirna walharkaa fudhiinsa Gamichaarratti Paatiriyaarkiin Mana Amantaa WOrtodoksii waloomaa Abuune Maatiyaas, Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Hangaafonni Phaaphaasootaa fi qondaaltoonni olaanoo magaalichaa biroon argamaniiru.
Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.