Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee misooma magaalota naannolee tumsuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneesssuf hojjechaa jira jedhan Kantibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.
Hoggantoonni Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Beenishaanguul Gumuz waltajjii muuxannoo waliif qooduu magaalaa Asoossatti gaggeessaniiru.
Bulchiinsichi muuxannoo hojiilee misooma koriidarii hojjechaa jiru magaalota naannoleef qooduun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan Aadde Adaanech waltajjicharratti.
Misoomni Koriidarii magaalaa Finfinnee murannoo hoggansaa fi hirmaannaa hawaasa magaalichaan hojjetamaa jira jechuun ibsan.
Piroojektoota saffisaan xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun danda’amuu kaasan.
Kantibaa Adaanechi hojiilee misooma Koriidarii magaalaa Asoosaa kan daawwatan yoo ta’u, hojiileen misooma koriidarii hojjetamaa jiru maqaa gaarii magaalichaa ijaaruun caalmaatti Invastimantii hawwachuuf qooda qabaachuu eeran.
Magaalaan Finfinnee hojiilee misoomaa magaalaa Asoosaa tumsuuf qophii ta’uu mirkaneessan.
Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, hoggantoonni magaalaa Finfinnee tumsa hojiilee misoomaa Asoosaaf taasisan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.