Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen, Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Giruuppi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo fi miseensonni Maaneejimantii hojiilee misooma kooriidariifi qarqara lagaa daawwachuu ibsanii, haala qindaa’eefi gurmaa’een waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessineerra jedhan.
Waliigaltichi bakkeewwan gahumsa tuurizimii haaraa misooma kooriidariifi qarqara lagan misooman beeksisuu, fayyadamummaa tuuriizimii Istook Oovarii guddisuu fi mallattoo haaraa magaalichaa kan ta’e ‘New face of Africa’ beeksisuuf ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis nageenyummaa aviyeeshinii mirkaneessuufi hojiilee hawaasummaa garaagaraa waloon hojjechuuf akka ta’e ibsaniiru.
Deeggarsa Daandiin Qilleensichaa hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffataniifi misooma kooriidariif taasisaa tureef galateeffatanii, bulchiinsi magaalichaa hojiirra oolmaa waliigaltee kanaaf Daandii Qilleensichaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.