Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Ciccituun humna elektirikii bulchiinsa magaalaa Asallaa waggoota lakkoofsise furmaata malee itti fufuun kutaalee hawaasa komachiiseera.
Jiraattonni,bulchiinsa Magaalaa Asallaatti guyyaatti si’a torbaa ol ibsaan ciccituun meeshaalee mana keessaa tajaajilaan ala gochuun baasii dabalataaf saaxilamaa jiraachuu dubbatan.
Waajjiraaleen mootummaa bulchiinsa magaalichaa keessa jiran elektirikiin irra deddeebiin ciccituun maamiltoota si’oominaan akka hin keessummeessine danqaa tahaa waan jiruuf furmaata waaraa barbaada jedhu.
Dhaabbileen daldalaa, Baankiiwwaniifi Hoteelonni gama isaaniitiin sababa ciccituu ibsaan maamiltootaa irraa komii keessummeessaa jirra jedhu.
Dhaabbata tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaatti dursaa garee raabsaa Elektirikii buufata Asallaa obbo Badhaasaa Toleeraa magaalichi humna ibsaa waggaa 30 dura ramadameefiin tajaajila argachaa jiraachuu eeran.
Baay’inni ummataa,Warshaalee gurguddoo, guddinni magaalichaafi humni ibsaa gonkumaa walhin gitu jedhan.
Dhaabbata tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaatti daayrektarri riijinii Adaamaa obbo Xaahaa Ahimad Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka himanitti rakkinichi utuu furmaata hin argatin waggoota lakkoofsisuutti komiin ummataa dhugaa tahuu dubbatan.
Hammeenya rakkinichaa irraa ka’uun buufanni humna ibsaa Asallaa humnaa ol tajaajila kennaa jiraachuutti ni gubata sodaa jedhu irraa waggoota sadan darban humna ibsaa magaalota ollaa irraa dabareen magaalaa Asallaaf kennaa jirra jedhu.
Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa fi Humna Elektirikii Itiyoophiyaa waliin tahuun furmaata waaraaf magaalaan Asallaa humna ibsaa hanga barbaachisu akka argattuuf hojjetamaa jiraachuu ifoomsan.
Olyaad Ahmad
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.