Finfinnee, Caamsaa 10, 2017 (FMC) – Tapha Piriimiyar Liigii Itiyoophiyaa torbee 30ffaan Bunni Itiyoophiyaa Magaalaa Adaamaa galchii 2-0’n injifateera.
Tapha Istaadiyaamii Yuuniivarsiitii Hawaasaatti sa’aatii 9:00 irratti taphatame kanaan galchiiwwan Bunni Itiyoophiyaa ittiin injifate Raamkeel Jeemsii fi Amaanu’eel Adimaasuu lakkoofsisaniiru.
Sagantaa taphaa har’aa kanaan galgala sa’aatii 12 irratti taphni Magaalaan Faasiil Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa waliiin taphatan kan xiyyeeffannaan eegamuu dha.
Liigicha Itiyoophiyaa Madin qabxii 60n yoo dursu, Bunni Itiyoophiyaa ammoo qabxii 51n itti aaneera.
Maqalee 70 Indartaan, Magaalaan Adaamaa, Si’uul Shiree fi Walwaaloo Addigiraat kilaboota sadarkaa dhumaa irratti argamanii dha.