Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017 (FMC) – Bunni Sidaamaa Walaayittaa Diichaa injifachuun shaampiyoonaa Waancaa Itiyoophiyaa bara 2017 ta’eera.
Tapha xumuraa har’a Istaadiyeemii Finfinneetti geggeeffameen Bunni Sidaamaa galchii 2 fi1n Walaayitaa Diichaa injifateera.
Buna Sidaamaaf Habtaamuu Taaddasaa fi Masfin Taaffaseen galchii tokko tokko yoo lakkoofsisan, Walaayitaa Diichaaf ammoo Kaarlos Daamxoon galchii injifatamuu irraa hin oolchine lakkoofsiseera.
Bunni Sidaamaa waancaa kana mo’achuu hordofee waggaa dhufu waancaa Konfedereeshinii Afrikaatti ni hirmaata.