Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) –Buufanni Xiyyaaraa idil Addunyaa Boolee waggaatti imaltoota miiliyoona 25 keessummeessuun dhiphinni guddaan isa mudataa jira jedhe Waajjirri Ministira Muummee.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana xiyyaarota ammayyaa 160 Kan qabu yoo ta’u, dhiyeenyatti ammoo Xiyyaarota haaraa 60 fudhachuun, waliigalaan xiyyaarota 220 keessummeessuuf bakka gahaa barbaada.
Ammatti bakka gahumsa balallii magaalota addunyaa 145 kan qabu yoo ta’u, bakka gahumsa isaas guddisuuf hojjetaa jira.
Kanaafis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa tokko qofaan tajaajila kanneen keessummeessuun rakkisaa akka ta’e eereera.
Bu’uuruma kanaan sadarkaa addunyaatti pirojektii buufata xiyyaaraa guddicha jedhamuun kan ramadame Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu ijaarsi isaa dhiyeenyatti akka eegalu ibseera.
#Oromia #Ethiopia