Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu walitti hidhamiinsa Ardii Afrikaaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Obbo Ahimad Shideen fooramii Invastimantii Aviiyeeshinii Afrikaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamaa jirurratti Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu ilaalchise ibsa kennaniiru.
Buufatichi imala Aviiyeeshinii Afrikaa keessatti injifannoo seenaa galmeessuu ibsan.
Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu Teeknooloojii, Dizzaayinii fi walitti hidhamiinsaan Piroojektii Itiyoophiyaan damee Aviiyeeshiniin Afrikaatti adda duree akka taatu godheedha jedhan.
Karra Aviiyeeshinii Afrikaa fi Idil addunyaa ta’uuf dandeettii kan uumu ta’uu eeran.
Wayita guutummaatti hojiitti gale waggaan imaltoota hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 keessummeessuu akka danda’uu fi Afrikaatti buufata Xiyyaaraa guddicha ta’a jedhan.
Guddina diinagdee, Daldalaa, Tuurizimii fi walitti hidhamiinsa Afrikaaf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsan.
Buufatichi wayita hojii eegale dhiibbaa Buufata Xiyyaaraa Booleerra jiru furuun Itiyoophiyaa fi Afrikaan sadarkaa idil addunyaatti iddoo olaanaa akka argatan dandeessisa jedhan.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.