Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)-Buufata Niwukilaraa Iraan guddicha Foordoorratti guyyaa har’aa haleellaan haaraan raawwatameera jedhan anga’oonni naannawichaa.
Ameerikaan guyyaa kaleessaa Foordoo dabalatee buufataalee niwukilaraa Iraan Naataanzi fi Isfahaa irratti haleellaa boombii raawwachuu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ibsuun kan yaadatamudha.
Guyyaa har’aas buufata niwukilaraa Foordoo bulchiinsa Koomitti argamu irratti haleellaa haaraan raawwatamuu Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.
Buufaticharratti haleellaan raawwatamuu kan ibsan Dubbii Himaan Abbaa Taayitaa Ittisa Balaa Bulchiinsa Koom, haleellichi eenyuun akka raawwatameefi miidhaa qaqqaberratti wanti jedhan hin jiru.
Haleellaa Ameerikaan booda buufata niwukilaraa Foordoo irra miidhaa guddaan gahuu akka hin oolle Daayrektarri Olaanaan Ejensii Atoomik Inarjii Idil-addunyaa Raafaa’el Giroosiin ibsaniiru.
Miidhaa gahe bal’inaan beekuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu daayrektarichi waamicha dhiyeessaniiru.
Haleellaa Ameerikaan buufataalee niwukilaraa Iraan irratti raawwatte muddama naannawichaa daran kan hammeesse yoo ta’u, guyyaa har’aas Iraan fi Israa’el haleellaa qilleensarraa raawwachuu ibsaa jiru.
Haaluma Kanaan Waraanni Israa’el Giddugala Ajaja Eegduu Waraaqsa Iraan irratti qiyyaafachuun haleellaa qilleensarraa cimsee itti fufuun eerameera.
Bifuma walfakkaatuun Iraan guyyaa har’aa Kibba Israa’elitti haleellaa miisaa’ela cimaa raawwachuun ibsameera.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.