Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti shakkamtuun kookeeyinii dhoksitee dabarsuuf yaalte to’atamte

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018( FMC)- Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti shakkamtuun baala sammuu namaa hadoochu kookeeyinii giraama 500 dhoksitee dabarsuuf yaalte to’atamteerti.

Lammii biyya Ugaandaa kan taate Muukiisaa Isteelaan baala sammuu namaa hadoochu kana dabarsuuf osoo yaaltuu to’annoo jala ooluu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksiseera.

Shakkamtuun kun xiyyaara magaalaa guddoo Maalaawwii Liiloongoo irraa ka’uun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti tiraanziit gochuun gara Filiippiinsi Maaniilaatti balali’aa tureen imalaa akka turte ibsameera.

Ogeeyyiin nageenya aviyeeshinii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin qindoomuun sakkatta’iinsaafi to’annoo cimaa meeshaalee ammayyaan deeggarame gaggeessaniin kookeeyiniin kun shakkamtuu waliin to’atamuu tajaajilichi eereera.

Poolisii Federaalaatti dameen to’annoofi qorannoo yakka baala sammuu namaa hadoochuu kookeeyinii kana qorannoo dabalataaf fuudhuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun xiyyaarota Finfinneerraa gara biyyoota garaagaraatti balali’aa turan keessatti jimaan hanga garaagaraa qabu to’atamuun eerameera.

Guyyoottan dura kookeeyiniin Kiiloogiraama 4 ulfaatu Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti to’atamuun kan yaadatamudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment