Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Buufataalee boba’aa seeraan ala gurgurtaa raawwachuun diinagdee biyyaarratti rakkoo uumaan 562 irratti tarkaanfiin fudhatame jedhe Ministeerri Daldalaa fi Wailtti Hidhamiinsa Naannawaa.
Ministeerichi buufataalee boba’aa, geejjibsiiftootaa fi dhaabbilee damicharratti bobba’an kan magaalaa Finfinneetti argaman waliin haala rakkoolee damicha mudatu furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Rakkoon namtolcheen uumame hanqinni boba’a akka mudatu taasiseera jedhan Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Wailtti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Abdulhakiim Muluun.
Hojmaanni badaan boba’aarratti raawwatamu qaala’iinsi gatii akka uumamu taasiseera jechuun kaasan.
Hordoffii taasiifameen buufataalee karaa seeraan alaa boba’aa gurguran 562 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu eeran.
Rakkicha hambisuuf tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.