Finfinnee, Amajjii18, 2018 (FMC) – Buufataalee Xiyyaaraa xixiqqaa bakka adda addaatti babal’isuun waliinga’uuf hojjetamaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Siivi l Aviyeeshinii Itiyoophiyaa.
Daarekterii Seeftii fi Istaandaardii Eeroodroom, Misiraaq Xilaahun Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, tajaajila geejjiba qilleensaa caalmaatti waliin ga’uuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Kanaafis buufataalee Xiyyaaraa xixiqqaa sadarkaa adda addaa bakkeewwan garaa garaatti ijaaruu fi hojii eegalchiisuun xiyyeeffannaa argachuu eeraniiru.
Ijaarsa buufataalee xiyyaaraa kanneenii irratti mootummoota naannoolee, abbootii qabeenyaa fi dhaabbileendhuunfaa hirmaachisuus himaniiru.
Kana hordofees hanga ammaatti gaaffiileen ijaarsa buufataalee xixiqqaa 46 dhiyaachuus dubbataniiru.
Kanneen keessaa torba ijaaramuu eegaluu kaasanii, lama ammoo ijaarsi isaanii xumuramee tajaajila eegaluu ibsaniiru.
Kanneen biroonis adeemsota ijaarsa eegaluuf isaan dandeessisan irra akka jiran daarikteerichi eeraniiru.
Iddoo filuu fi deggersoota tekinikaa dabalatee Abbaan Taayitichaa tumsaa akka jiru dubbataniiru.
Buufataalee xiyyaaraa xixiqqaa baballisuun walga’iinsa tuurizimii cimsuuf, inveestimeentii sissi’eeasuu fi qabeenya kuufamaa naannoolee sirnaan fayyadamuuf ga’ee guddaa akka qabus hubachiisaniiru.
Bara 2015 irraa eegalee ijaarsi buufataalee xiyyaaraa xixiqqaa fi hojimaatni abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuu danda’u hojiirra ooluun eerameera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia