Buusaa Gonofaa —Imala Gara Humna Misoomaa Amansiisatti – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) –Haaromsi aadaa humna ganamaa aadaa keessa jiru iddootti kan deebisudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimalli imala Buusaa Gonofaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiin dhiyaatera.

Buusaa Gonofaa —Imala Gara Humna Misoomaa Amansiisatti
Haaromsi aadaa keenyaa, humna ganamaa aadaa san keessa jiru iddootti kan deebisudha.

Haaromsi aadaa keenyaa, humna ganamaa aadaa san keessa jiru iddootti kan deebisudha. Kanaaf humnoonni waloo akka Buusaa Gonofaa Oromiyaa fakkeenya guddaadha. Aadaan ummataa kun haaromee sirnoomuu isaatiin, gargaarsaa olitti deemuun humna misoomaa ta’uuf yeroo irraa hinfudhanne.

Deeggarsa yeroo cinaatti, aadaa hojii jajjabeessufi amala hirkattummaa hambisuun humna hawaasaa baldhaa gara oomishtummaatti deebisaa jira Bara omishaa kana qofa yaadama ‘hirkattummaarraa gara oomishtummaatti’ jedhuun lafa hekt. kuma 11’tti dhiyaatu qotuun callaa kuntaala kuma 380 ol eegaa jira.

Kana malees, sagantaa dhiyeessii nyaata barataa naannichaa barattoota mil. 7.3 ol hammate keessattis humna amansiisaa ta’ee tajaajilaa jira. Bara kana qofa lafa hekt. kuma 17’fi 200 nyaata barataaf oolu qotee sassaabaa jiruun, callaa kuntaala kuma 400 dhiyaatu akka argamu eegama.

Gama mekaanaayizoomsafi kurfeessa omisha qonnaatiinis fakkeenya ta’ee bahuuf kan yeroo irraa fudhatuu miti. Tiraaktarootafi kombaayinaroota qabuun, ofirraa hafee qonnaan bultoota keenya cinaa dhaabbachaa jira. Invastimantii kurfeessa omisha qonnaa horata isaa baay’isuuf jalqabaa jiruunis, ce’umsa qonnaa akeeknef faana akka gadi dhiisu hinshakkamu.

Walumaagalatti, humni ummataa gama Buusaa Gonofaatiin sirnoomee muldhate kun, galmoota qabsoo Oromoo sadanuu utubuu irratti argama:
1. Ummata dinagdeen aangomsuu;
2. Dhaloota saayinsiifi teknolojiin dorgomaa ta’e umuu; fi
3. Sirna ummataawaa ijaaruu.

Carraa kanaan, ummata keenya wareegama olaanaan aadaa boonsaa kana nuuf tursiise, akkasumas har’a erga sirnoomeen boodas waliin dhaabbachuun gara humna misoomaa amansiisatti ceesise kana maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment