Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Bara kana Buusii soorama hojjettootaa dhaabbilee dhuunfaa Birriin biiliyoonni 40 ol walitti qabame jedhe Bulchiinsi Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa.
Waltajjiin hubannoo uumuu sassaabbii buusii sooramaa hojjettoota dhaabbilee dhuunfaarratti xiyyeeffate magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffameera.
Bulchiinsichi hanga ammaatti hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa soorama kaffalan miiliyoona 2.5 ol kan horate yoo ta’u, bara kana soorama hojjettootaa birrii biiliyoona 40 ol walitti qabamuu ibse.
Daayrektarri olaanaan Bulchiinsa Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Federaalaa obbo Abaatee Mitikkuun, sirna sassaabbii buusii soorama hojjettootaa fooyyessuun fayyadamummaa hojjettoota mirkaneessuun badhaadhina biyyaaf gahee guddaa qaba jedhan.
Hojjettoonni irra caalaan isaanii odeeffannoo gahaa dhabuun mirgi isaanii kan sarbamu ta’uus eeraniiru.
Rakkoo kana furuuf hojjettoonni odeeffannoo sirrii argatanii mirgi isaanii akka kabajamuuf hojii hubannoo uumuu dabalatee sirna sassaabbii buusii soorama hojjettootaa teeknooloojiin deeggaruun murteessaadha jedhan.
Fayyadamummaa hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa mirkaneessuuf hojii hubannoo uumuu dabalatee magaalichatti hojiilee hedduun hojjetamaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa obbo Harbi Buhiin.
Xiyyeeffannoo mootummaan kenneen mirga hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa kabachiisuufi buusii soorama isaanii karaa haqummaa qabuun walitti qabuuf hojjatamaa jiras jedhan.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.