Finfinnee, Guraandhala 5, 2018(FMC)- Bu’uura kallattii kaa’ameen dhimmoota akka biyyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti raawwii gaariin galmaa’eera jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Waltajjiin gamaaggama supperviizhinii deeggarsaa hojiilee mootummaafi paartii baatiiwwan jahan dabanii xumurameera.
Obbo Adam Faaraa wayita kana kallattiiwwan sadarkaa sadarkaan galmoota milkeessuuf kaa’aman raawwii fooyya’aa galmeessisuu ibsan.
Kallattiiwwan Pirezidaantii Paartichaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kaa’aman milkeessuuf hoggansi uummata waliin ta’uun hojjechuu eeraniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa salphisuu, misooma kooriidarii, nageenya mirkaneessuu, dijiitaalaayizeeshinii, misooma indaastirii, bu’uuraalee misoomaafi dameewwan biroon galmoota qabaman milkeessuuf hojiileen hojjetaman raawwii fooyya’aa galmeessuu fi muuxannoo gaariin irraa fudhatamuu dubbataniiru.
Muuxannoowwan kanneen babal’isuun, dhaabbilee qindeessuun fi deeggarsaafi hordoffii walitti fufiinsa qabu gochuun raawwii olaanaaf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Dhimmoota yeroo itti aanutti xiyyeeffannoo barbaadaniifi fooyya’uu qabanirratti kallattii kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.