Bu’uuraalee misoomaa chaarjii konkolaattota elektirikii babal’isuuf waliigaltee mallatteeffame

Finfinnee, Mudde 7, 2018(FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa Dhaabbata Chaayinaa “Power Grid” jedhamu waliin inarjiifi kenniinsa tajaajilaa irratti tumsaan hojjechuuf waliigalan.

Hoggantoonni olaanoon dhaabbatichaa hoji-raawwachiisaa olaanaa Tajaajilichaa Injiinar Geetuu Garramoon durfaman hoggantoota olaanoo dhaabbata Chaayinaa “Power Grid” waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee lamaanii hojii sararoota dabarsaa fi tamsaasa humnaa, oppireeshinii imaarti giriidii fi suphiinsa dursaa hubannoo nam tolcheen durfamu irratti tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa chaarjii konkolaattotaa elektirikii fi fooyya’iinsa kenniinsa tajaajilaa maamiltootaa irratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii hoji raawwachiisaan Kominikeeshinii Tajaajilichaa Anwaar Abraar Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.

Qaamoleen lamaan dhiyeessii humnaa Itiyoophiyaa ammayyeessuu fi amansiisaa gochuuf hojimaata kalaqqii fi teknooloojiin deggerame hojiirra oolchuuf murteessuu isaanii mirkaneessaniirus jedhan.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment