Finfinnee, Onkololeessa 20, 2018 (FMC) – Hojiileen bu’uuraalee misoomaa Baaleetti hojjetamaa jiran Holqi Soofumar hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf qooda olaanaa qaba jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan.
Hoggansi biyya tokkoo sadarkaa kanatti iddoolee Tuurizimiif xiyyeeffannoo addaa kennee ni hojjeta jedhee yaadee hin beeku, waan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Baaleetti hojjetan miira gammachuu olaanaa natti uumeera jedhan obbo Kabbadaan.
Kana dura Holqa Soofumar Hambaa Addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf yaaliin taasiifamaa turuu kan eeran obbo Kabbadaan, ammatti hojiileen bu’uuraalee misoomaa naannawaa sanatti hojjetamaa jiru holqichi seenaa qabeessi kun hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u shoora olaanaa qabaachuu dubbatan.
Baaleen qabeenya Tuurizimii kanneen akka Gaarreen Baalee, Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Diinshoo, Bosona Harannaa Bulluqi dabalatee qabeenya uumamaa hedduu osoo qabduu qaamni xiyyeeffannoo kenneef hin turre jedhan.
Hojiin amma godinichatti hojjetamaa jiru seenaa ture kan jijjiiru, biyyaaf ammoo bu’aa olaanaa kan qabu ta’uu eeran.
Qabeenyiwwan Tuurizimii kunneen duris jiru, garuu kuufama qabeenyaa danuun kun osoo jiranuu xiyyeeffannoo dhabuu isaan Simbirroo Hoogdii Baaqelaa teessu ta’aa turre jechuun ibsan.
Tuurizimiin damee sosochii Diinagdee sadarkaa hundaaf bu’uura ta’uudha jedhan.
Nama dhuunfaa hanga dhaabbilee sadarkaa biyyaalessaatti madda galii olaanaa ta’uun damee tajaajilu ta’uu eeran.
Ammatti misooma qindaa’aa Koriidarii dabalatee iddoowwan ga’umsa Tuurizimii kutaalee biyyattii garaagaraatti misoomaa jiran maqaa gaarii biyyaa ijaaruurra darbee utubaa diinagdee olaanaa ta’uu mirkaneessaa jiraachuu ibsan obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasiisaniin.
Akkasuma hojiileen damee Tuurizimiin hojjetamaa jiran fedhii bu’uuraalee misoomaa guutuu, qulqullina naannoo eeguu, carraa hojii uumuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, biyya beeksisuu, qabeenya uumamaa kunuunsuu fi hariiroo dippiloomaasii guddisuu keessatti gumaacha olaanaa bahataa akka jiru dubbatan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.