Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Bu’uraaleen misoomaa magaalaa guddittii keessatti diriirfaman ammayyummaa isheef gahee guddaa taphachaa jiru jedhan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech kana kan dubbatan yeroo tajaajila Giddugala tokkoo “Addis Masob” kutaa magaalaa Qirqoos keessatti hojii eegalchiisanitti.
Bulchiinsa magaalichaa keessatti Giddugalli Tajaajila “Addis Masob” 4ffaan, dhaabbilee 20 fi tajaajiloota 12 waliin hojii eegaluus ibsaniiru.
Kantiiba Adaanech wayita kanatti akka dubbatanitti, tajaajiloota 600 bulchiinsa magaalichaan kennaman keessaa 240 kan ta’an karaa dijiitaalaa kennamaa jiru.
Tajaajiloonni kunniin kana dura uummata deddeebisuun madda komii ta’aa waan turaniif dursi akka kennameefis dubbatan.
Tajaajiloota hafanis hanga bara baajataa dhufuutti tajaajila giddugala tokkoo Addis Masob keessa akka galaniif xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Giddugalichaan itti quufinsi tajaajilamtootaa % 98 gahuun isaa, caalaatti babal’isuuf kan nama kakaasu ta’uu eeraniiru.
Tajaajilli Giddu gala Tokkoo Addis Masob qindoominaa fi waliin dubbachuu irratti kan hundaa’e waan ta’eef, jiraattonni magaalattii giddugala kamiyyuu keessatti tajaajila argachuu akka danda’an ibsaniiru.
Adeemsichi si’aayina waan dabaluuf, caalaatti ammayyeessuun namni hundi manuma isaa ta’ee bilbila harkaan tajaajiloota argachuu akka danda’uuf haala miijeessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Taammiraat Dalaliitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia