Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti bu’uuraaleen misoomaa Ispoortii mijatoon waan hojjetamaniif gosoonni Ispoortii garaagaraa gaggeeffamaa jiru jedhan kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen dorgommii ‘Adwaa Faayit Naayit’ Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiru irratti argamuun darggaggoota jajjabeessaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana dorgommichi biyyoota guddatanitti ispoortii jaallatamaa ta’uu kaasanii, bu’uuraalee misoomaa Ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan kan barbaadu waan ta’eef hanga ammaatti biyya keenyatti wayita gaggeeffamu hin mul’atu jedhan.
Yeroo ammaa garuu bu’uuraalee misoomaa Ispoortii damee hedduufi mijatoo magaalichatti hojjetaman irraa kan ka’e gosoonni Ispoortii garaagaraa gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dorgommichi dargaggoonni kennaa fi dandeettii isaanii kan ittiin gabbifatan, tuurizimiin Ispoortii, hariiroon diinagdeefi hawaasummaa kan ittiin cimu, maqaa gaarii magaalaa keenyaa kan jijjiiruufi dorgomtummaa keenya kan guddisudha jedhan.
Dorgommiiwwan akka kanaa bu’uuraalee misoomaa dargaggoota bu’uureffatan akka hojjennu nu taasisa jedhanii, dargaggoonnis miira dorgomtummaa idil-addunyaa akka gudifataniif carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Dorgomtootaaf carraa gaarii hawwuu isaaniis ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia