Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Caasaan nageenyaa uummata waliin qindaa’uun hojiilee hojjeteen shira diinootaa keessaa fi alaa fashaleessuun danda’ameera jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa.
Komishinaronni Poolisii Itiyoophiyaa fi Hoggantoonni nageenyaa fi tasgabbii waltajjii nageenyaa biyyaalessaa gaggeessaa jiru.
Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, caasaan nageenyaa uummata waliin qindoomuun hojjechuun bu’aawwan nageenya cimsan argamsiiseera.
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa nagaan akka gaggeeffamuuf, humni Poolisii sadarkaa garaagaraa jiru, itti gaafatamtoonni nageenyaa fi bulchiinsaa, milishoonii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa waliin ta’uun karoorsanii hojjechuu isaanii ibsaniiru.
Kanaanis filannoo biyyaafis ta’ee addunyaaf fakkeenya gaarii ta’ee gaggeessuun danda’amuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo hunda rakkoo keessa akka turtuu fi nageenyii ishee akka jeeqamu diinoonni barbaadan shira hedduu xaxuu kan yaadachiisan Komishinar Jeneraal Dammallaash, caasaaleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa jiran lubbuu arsaa kaffaluun shira kana fashaleessanii nageenyaa fi tasgabbii biyyaaf eegumsa gochuun sadarkaa har’a irra jiramuun akka ga’ame ibsaniiru.
Waltajjichi fuuldurattis diinonni Itiyoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii biyyattii jeequuf diinoota keessaa fi alaa waliin ta’uun shira hojjetan hunda fashaleessuuf, humni nageenyaa qophii ta’uu mirkaneessuu fi ergama itti aanuuf of qopheessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Waltajjichan hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman, muuxannoowwan gaarii argaman fi hanqinoota mudatan adda baasuun, ergama gara fuulduraattiif dursanii qophaa’uurratti kan xiyyeeffate ta’uu isaanii dubbataniiru.
Shira diinota Itiyoophiyaa fashaleessuu fi badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an gochuuf hojiilee waloo cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.