CAF Leenjisaa Garee Biyyaalessaa Seeneegaal hojiirra dhorke

Finfinnee, Amajjii 12, 2018 (FMC) –Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) leenjisaa garee biyyaalessaa Seeneegaal Peeppe Tiyaawu hojiirra dhorkeera.

CAF tapha xumuraa Waancaa Afrikaa Seeneegaaliifi Moorookoo gidduutti taphatameen hanqina naamuusaa mul’atan qorachaa turuu beeksiseera.

Qorannoo taasiseen leenjisaan garee Seeneegaal Peeppe Tiyaawu murtii abbaa murtee yerochaa Jiin Jaakuweez Naadaalaa fudhachuu dhiisuun taphattoonni dirree gadii lakkisanii akka bahan ajaja kennuu mirkaneeffachuu ibseera.

Haaluma kanaan CAF Leenjisaa Peeppen hojii saanirraa akka dhorkaman murteesseera.

Murticha hordofee Leenjisichi Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon qopheessan irratti garee biyyaalessaa Senegaal dursuu dhisuu danda’u jedhamuu ‘African Top Sport’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment