Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Adaamaa Galma Caffeetti taa’aa muudama Abbootii seeraa raggaasiseera.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal muudama Abbootii seeraa sadarkaa garaagaraa 88 miseensota Caffeef dhiyeessaniiru.
Muudamtoota keessaa 26 dubartoota.
Caffeenis muudama Abbootii seeraa dhiyaaterratti yaada erga kennanii booda sagalee guutuun raggaasiseera.
Akkasuma caffichi muudama Hoggantuu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa dhiyaate raggaasiseera.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.