Carraa gara fuulduraa Itiyoophiyaa murteessuuf mareen biyyaalessaa meeshaa olaanaadha – Komishinii Maree Biyyaalessaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Carraa gara fuulduraa Itiyoophiyaa murteessuuf mareen biyyaalessaa meeshaa olaanaadha jedhe Komishiniin Maree Biyyaalessaa.

Seenessa qeenxee rakkoo ijoo ta’an gara walootti fiduun garaagartee jiru hiikuu keessatti waliin mari’achuun dhimma murteessaadha jedhan Komishinii Maree Biyyaalessaatti Qindeessaan Qabiinsa Komii obbo Buzunaa Asaffaan.

Cabiinsi siyaasaa jiru garaagartee olaanaa uumuu kaasuun, kunis yeroo adda addaatti walitti bu’iinsa uumuun miidhaa garaagaraa qaqqabsiisaa turuu eeran.

Carraa gara fuulduraa Itiyoophiyaa murteessuuf waliin mari’chuun dhimma murteessaa ta’uu himan obbo Buzunaan.

Walitti bu’iinsa keessatti moo’atan hin jiru kan jedhan obbo Buzunaan, mariin garuu rakkoon hin furamne akka hin jirre hubachiisan.

Carraan biyyaa mariin malee wal ajjeesuun hin murtaa’u jechuun himan.

Kanaaf aadaan waliin mari’achuu caalmaatti babal’achuu akka qabu eeran.

Adeemsi Marii biyyaalessaa hanga ammaatti jirus abdii olaanaa kan namatti horu ta’uu dubbatan.

Kutaaleen hawaasaa garaagaraa sadarkaan jiran bakka bu’aa isaanii filachuun ajandaa irratti mari’achuun irra jiru kennachuu kaasan.

Kanaanis naannoleen 12, bulchiinsoonni magaalaa 2, waldaaleen, paartiileen, dhaabbileen mootummaa fi Siiviilii dabalatee kutaaleen hawaasaa sadarkaan jiran ajandaa bakka na bu’a jedhan kennachuu himan.

Dhimmoonni jajjaboon akka biyyaattii irratti mari’atamuu qabu adda bahuu dubbatan.

Biyyi akka araaramtu garaagartee madda walitti bu’iinsaa ta’an irratti mari’achuun biyya hundaaf taatu ijaaruuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan.

Hojiin ijoon komishnii maree biyyaalessaas qaamolee ilaalcha garaagaraa qaban walitti fiduun akka mari’atan haala mijeessuu ta’uu himan.

Komishinii loogii tokko malee walabaan biyya araarsuuf hojjetaa jiruudha.

Qaamoleen hidhannoon socho’an karaa guutuu ta’een maricharratti akka hirmaatan komishinichi waamicha biyyaalessaa dhiyeessaa jira jedhan obbo Buzunaa Asaffaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.

Marii biyyaa fi lammiif godhamu waan ta’eef gaafatamummaa seenaa jalaa bahuuf qaamoleen hundi qooda irraa eegamu akka bahatan hubachiisan.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun ummattoonni Itiyoophiyaa % 99 marii kana akka barbaadan mirkaneessuu eeran.

Marichis akkaatuma karoora isaan adeemaa jiraachuu ibsan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment