Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Afrikaa oomisha Talaallii fi qorichaa ardichaa guddisuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 3.2 ifoomseera.
Doolaarri biiliyoonni 2 Baankii Afregziim, biiliyoonni 1.2 ammoo qindoomina Talaalliwwan Afrikaarraa kan argame ta’uu giddugalichatti qindeessaan oomishaalee biyya keessaa obbo Abbabaa Geetanuu ibsaniiru.
Dhaabbileen qorichaalee fi talaalliii Oomishaan oomishaalee ugaalagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guutan akka oomishaniif deeggarsa taasifame ta’uu eeran.
Dhiyeessa talaallii fi qorichaa Afrikaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatan.
Gatii qorichaalee fi gabaa tasgabbeessuuf shoora olaanaa qabaachuu himuu Ispuutinik gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.