Ce’umsa teknooloojii fi kalaqa babal’isuuf hojjetamaa jira -Biiricha

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Kolleejjiiwwan Ogummaa fi Teknikaa naannichaa kessatti kalaqnii fi ce’umsi tekinolojii akka babal’atuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Ogummaa fi Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa.

‎Hogganaan biirichaa Injiinar Eebbaa Garbaa FMCtti akka himanitti, Koolleejjiiwwan ogummaa fi tekinikaa naannoo Oromiyaa keessatti kalaqaa fi ce’umsa tekinooloojii babal’isuun fayyadamummaa hawaasaafi biyyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

‎Keessattuu, tekinooloojiiwwan rakkoo hawaasaa hundeerraa furuun yaadama Ida’amuu milkeessuuf gargaaran kanneen akka maashinoota hojii misooma koriidarii magaalotaa gara baadiyyatti babal’isuuf oolan biyya alaa irraa galaa turan biyyuma keessatti oomishamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasan.

‎Mootummaan naannichaa misooma industirii babl’isuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira kan jedhan Injiinar Eebbaan, kanaafis tekinooloojiiwwan garaagaraa oomishaalee qonnaa irratti sona dabaluuf gargaaran maddisiisuuf bal’inaan hojjetamaa jira jedhan.

Kolleejota hojii kana irratti ballinaan hojjechaa jiran keessaa kolleejjiin‎ Poolii Teekinikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa tokko ta’uunis himameera.

‎Koolleejjichi tekinooloojiiwwan garaagaraa maddisiisuun hawaasa magaalichaa fayyadaa kan jiru yoo ta’u, leenjiiwwan mijessuunis hubaannoo hawaasaa foyyessaa jiraachuu kaasan.

‎Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment