Ce’uumsa Hawaas-Dinagdee Qindaa’aa: Akka Waliigaltee Araaraa Magaalaafi Baadiyyaatti

Finfinnee, Guraandhala 21, 2018(FMC)- pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa imaammataafi tarsiimoo magaalomsuu haaraa naannoo Oromiyaa akkasumas pilaaniiwwan mummee magaalota—Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa—baldhinaan ilaaluu ibsaniiru.

Obbo Shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pilaaniiwwan kunniin kaartaa lafarra qubatan qofa osoo hintaane meeshaa warraaqsaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kunis warraaqsa seenaa loogii magaalaa (urban bias) ittiin cabsinuufi haq-qabeessummaa hawaas-dinagdee ittiin mirkaneessuuf akka gargaaru eeran.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera:

Ce’uumsa Hawaas-Dinagdee Qindaa’aa: Akka Waliigaltee Araaraa Magaalaafi Baadiyyaatti

Torbanootaaf, imaammataafi tarsiimoo magaalomsuu haaraa naannoo keenyaa akkasumas pilaaniiwwan mummee magaalota—Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa—baldhinaan ilaalleerra. Pilaaniiwwan kunniin kaartaa lafarra qubatan qofa osoo hintaane meeshaa warraaqsaati. Warraaqsa seenaa loogii magaalaa (urban bias) ittiin cabsinuufi, haq-qabeessummaa hawaas-dinagdee ittiin mirkaneessinu.

Barreeffama xumuraa kanaan, yaadama keenya isa ijoo—ce’uumsa hawaas-dinagdee qindaa’aa—roga-maraan kan xiinxallu ta’a. Dhimmi kun dhimma daandii ykn gamoo ijaaruu qofa osoo hintaane, dhimma Waliigaltee Araaraa seena-qabeessa magaalaafi baadiyyaa gidduutti taasifamuudha. Dabalataanis, muuxannoo magaalota kanaa gara magaalota gurguddoo Oromiyaa birootti akkasumas Giddugalawwan Guddina Baadiyyaa (Haaromee)’tti akkamitti akka ceesisnu baldhinaan ilaalla.

1. Qorannoo Dhukkubichaa: Loogii Magaalaafi Humna Harkisa Dinagdee
Rakkoo tokko furuuf, dura madda isaa sirriitti hubachuun dirqama. Maaliif magaalaan badhaadhaa, baadiyyaan hiyyooma? Maaliif qonnaan bulaan lafa baldhaa qabu hiyyoomee, faddaalan magaalaa lafa teessumaa hinqabne badhaadha? Taateen kun carraa osoo hintaane, bu’aa humnoota caasawa dinagdee (structural economic forces) barootaaf ijaaramaa tureeti.

Kaappitaalli (maallaqni), humni namaa barateefi teknoolojiin, lafa rukkataa (density) filatu. Magaalaan rukkina bu’uuraalee misoomaa (daandii, ibsaa, bishaan, neetworkii) waan qabuuf, baasii omishaa niqusata; bu’aa ammoo nidabala. Abbaan qabeenyaa tokko baadiyyaatti invasti gochuurra, magaalaa filata; sababiin isaa buraajoon (facilities) magaalaa keessatti walitti dhiyeenyan argama.

Magaalaan qabeenya baadiyyaa—nyaata, humna namaa, qabeenya umamaa—ofitti harkisee kan xuuxu humna harkisa dinagdee (economic gravity) kanaani. Kun ammoo adeemsa hamaa “Kiyyoo Yaa’insa Kaappitaalaa” (Capital Flow Trap) jedhamu uumera.

Kiyyoon kun adeemsa waljijjiirraa loogaa (unequal exchange) irratti kan hundaa’edha. Gama tokkoon, qonnaan bulaan omisha isaa—midhaan, aannanii — gatii gadi aanaafi rakasaan gara magaalaatti erga. Faallaa kanaatiin ammoo, maallaqa muraasa gurgurtaarraa argate sanaan, omishaalee warshaa magaalaa kanneen akka uffataa, meeshaalee ijaarsaafi xaa’oo gatii qaaliin bitachuuf dirqama. Dhiibbaan kun qabeenya qofa irratti hindaanga’u; humna namaa irrattis dhiibbaa walfakkaatu uuma.

Dargaggeessi baadiyyaa barate, carraa hojii beekumsa/ogummaa isaa qe’ee isaatti fayyadamuuf dandeessisu dhabuu isaatiin gara magaalaatti baqachuu filata. Kunis baadiyyaan humna barateefi qaroome dhabee, magaalaan ammoo humna namaa qophaa’aa bilisaan akka argattu taasiseera. Walumaagalatti, adeemsi kun qabeenyifi humni namaa baadiyyaa irraa gara magaalaatti yaa’ee, magaalaa irraa gara baadiyyaatti osoo hindeebi’in, baadiyyaa hiyyummaa keessatti kan hambisuudha.

Magaalonni keenya barootaaf saamtota baadiyyaa ta’anii turaniiru. Adeemsi kun hariiroo magaalaafi baadiyyaa madaallii hineegne, tokko kan biraa itti hinhumneessine darbees lachuu walqabatanii ittikufan uumera. MNO imaammata ce’uumsa baadiyyaa hojiirra oolchaa jiru cinaatti, yaadama magaalomsuu haaraa daba hariiroo ture meelchu beeksiseera. Yaadamni haaraan, kiyyoo yaa’insaa ture cabsuun, adeemsa magaalaa “baadiyyaa liqimsu” irraa gara ijaarsa magaalaa “baadiyyaa hammatuufi waliin misoomutti” ce’uu akkasumas ilaal-qalbii (psyche) “hireen koo kana hindarbuu” adeemsi kun hawaasa baadiyyaa irratti fe’e cabsuu akeeka. Magaalonni tarsiima’oo naannichaa, addatti ammoo Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaan pilaaniiwwan mummee isaanii haaraan hariiroo loogaa kana gara madaalliitti deebisuuf akeekaniiru.

2. Furmaata Caasawaa: Loogii Misoomaa Cabsuu
Humna harkisa dinagdee kana cabsuuf, fedhii siyaasaa qofti gahaa miti; caasaa loogaa barootaaf ture diiganii akka haaraatti ijaaruu gaafata. Qabeenyi baadiyyaarraa bahee akka hindeemne, daagaa dinagdee ijaaruu, akkasumas dinagdee baadiyyaa damdaneessuu barbaachisa.

Magaalota Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa keessatti tarkaanfiiwwan ijoo afuriin kana raawwachaa jirra:

A. Mandaroota Qonnaan Bulaa Ammayyaa: Akka Beenyaatti
Magaalaan baadiyyaa liqimsuu qabdi yaada jedhu diigneerra. Magaalonni keenya ofii jecha baadiyyaa isaan marsee jiru misoomsuu qabu. Misoomni kun ammoo, beenyaa Mandaroota Qonnaan Bulaa Ammayyaa (Agropolitan Villages) baadiyyaa isaan jala jiran keessatti ijaaruun kaffalamudha.

Magaalonni Shaggar, Bishooftuufi Adaamaa, baadiyyaa daangaa isaanii jala jiru, akka iddoo duwwaatti ilaalurraa bahaniiru. Lafa kana irratti magaalaa qonnaa ammayyaa ijaaruun, tajaajilaa, buraajoofi teeknoolojii magaalaa baadiyyaatti gadi buusuu jalqabaniiru. Kun baqattummaa gara magaalaatti taasifamu daran kan hirdhisuudha. Mandarri kun bakka jireenyaa qofa miti; bakka misoomni inisheetivoota qonnaa magaalaafi gar-tokkeen magaalaa jalqabaman itti ammayyaawan, qulqullinni isaanii ittimirkanaa’udha; bakka kurfeessaa, bakka gabaafi bakka leenjii teknoolojii qonnaati. As keessatti qonnaan bulaan mana jireenyaa ammayyaa qabaata; tajaajila bishaaniifi ibsaa argata; ijoolleen isaa carraa mana barumsaa sadarkaa isaa eeggate deemuu argatu.

Magaalonni Shaggar, Bishooftuufi Adaamaa, akkaatuma pilaanii mummee isaanitiin akeekame, marsaa duraatiin mandaroota baadiyyaa amala magaalummaa qaban zoonii ce’uumsaatiif filataniiru. Kana malees mandaroota qonnaan bulaa ammayyaa haaraa hundeessuuf karoorsaniiru. Marsaa duraatiin Shaggar mandaroota 15; Adaamaan mandaroota 5; Bishooftuun mandaroota 5 hundeessuuf kan karoorsan yoota’u, magaalaan Shaggar raawwii keessa galeera.

B. Riqicha Dhiyeessiifi Leecalloo Ijaaruu:
Qonnaan bulaan keenya hiyyeessa kan ta’e omisha gahaa waan dhabe qofaafi miti; omisha isaa irratti gatii ‘sona dabalataa’ argachuuf carraa waan dhabeef malee. Timaatimni baadiyyaatti omishame, dhiqamee saamsamuuf qofa magaalaatti fe’amuu yooqabaate, bu’aan isaa kan abbaa warshaa magaalaati. Imaammanni magaalomsuu MNO haaraan, indastiriiwwan kurfeessa qonnaa gara baadiyyaatti akka dhiyaatan akeekera.

Warshaaleen magaalota keessatti ijaaraman, galtee dheedhii qofa osoo hintaane, hidhata omishaa (production linkage) qonnaan bulaa waliin uumuuf dirqama qabu. Kana jechuun, warshaan tokko ijaaramuun dura, qonnaan bultoota naannawa sana jiraatan waliin waliigaltee uumee, sanyii filatamaa dhiyeesseefii, ogummaa barsiisee, omisha isaanii gatii fooyya’aan bituuf dirqama qaba. Akkasumas iddoowwan kuusaa qabbanaawaa (cold-chain storage) babaldhisuutu irraa eegama. Magaalonni afran, akkuma pilaanii mummee isaanitiin akeekametti lafa qabsiisuuf sochii baldhaa taasisaa jiru.

C. Bu’uuraalee Misoomaa Gara Fiixee Babaldhisuu:
Daandiin aspaaltii magaalaa lama walqunnamsiisu, ykn imaltuu (highway) tokko faayidaan inni qonnaan bulaaf qabu muraasa. Imaammanni magaalomsuu keenya qaawwa kana hubateera. B’uuruma kanaan, magaalonni tarsiima’oo keenya, daandii gurguddaa qofa osoo hintaane, daandiiwwan qe’ee (capillary roads) qonnaan bulaa gara gabaatti fidan babaldhisuuf xiyyeeffannoon socho’aa jiru. Dinagdeen baadiyyaa akka onnatu, daandii xixiqqaan daandii imaltuurraa fottoqanii qe’ee keessa seenan babaldhachuu qabu.

D. Umama Akka Sharikaatti: Damdaneessummaa Dinagdee Baadiyyaa:
Pilaaniin mummee magaalota tarsiima’oo keenyaa naannawa umama (natural environment)’fi baadiyaa isaan marsee jiru — sabbata magariisaa (green belt), gaarrenifi qaamolee bishaanii — ‘ikoo-turizimii’fi turizimii qonnaatiif (agro-tourism) abuuraniiru. Iddoowwan ‘ikoo-turizimii’ misooman, waldaalee qonnaan bultootaatiin kan bulan ta’a; akkasumas haallifi seerri ‘loojiin hawaasaa’ madda galii dabalataa qonnaan bulaa ta’an ittibabaldhatan mijateera. Umama waliin walsimuun, qaroomina keenya ganamaa safuufi duudhaa Sirna Gadaatiin jiraannedha. Magaalonni keenyas qaroominuma ganamaa kana gara humna dinagdee ammayyaatti jijjiiruu karoorsan.

3. Ce’uumsa Babaldhisuu: Magaalota Oromiyaa Biroofi Haaromee
Yaadamni pilaanii mummee Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa kun, isaanitti qofa kan daangeffame miti. Pilaaniin kun qajeelcha (blueprint) guutummaa Oromiyaatiif tajaajiludha. Oromiyaan Shaggar ykn Bishooftuu ykn Adaamaa qofa miti; Oromiyaan magaalota hafanifi baadiyyaa baldhaa godinaalee keenyaati.

A. Magaalota Oromiyaa Biroo:
Magaalota tarsiima’oo naannichaa — Jimmaa, Naqamtee, Shaashamannee, Roobee, Maayaa — akkasumas magaalota olaanoo hafan keessatti yaadamni kun hojiirra oolaa jira. Baadiyyaan marfamanis, armaan dura akka odolaatti ko’oomsanii turan. Baadiyyaan isaan marse hiyyummaa keessatti dhidheme osoo jiruu, kophaa isaanii guddachuuf wixxinfachaa turan; ergama milkaa’uu hindandeenye ture. Yaadama magaalomsuu haaraa booda, akkuma magaalota afranii, baadiyyaa isaan marsee jiru waliin hidhata dinagdee uumuuf dirqama qabu. Magaalonni jajjabaa Oromiyaa kamuu, qonnaan bulaa isaan marsee jiruuf gabaa, teeknoolojiifi carraa hojii uumuuf ittigaafatamummaa olaanaa qabu.

B. Haaromee: Magaalaa Hundhuura Baadiyyaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tarsiimoo ammayyoomsa baadiyyaa qabateen Giddugalawwan Guddina Baadiyyaa —Haaromee—ijaaruu irratti argama. Akkuma baadiyyaa magaalota tarsiima’oo jala jiruuf ‘mandara qonnaan bulaa ammayyaa’ (agropolitan village) jennu, baadiyyaa fagootiif ammoo ‘Haaromee’ jenna. Haaromeen mandara xixiqqaa amala magaalaa qaban, gandoota baadiyyaa hundatti keessatti pilaanii magaalaatiin ijaaraa jirruudha.

Kaayyoon Haaromee inni guddaan, tajaajila magaalaa—baankii, kiliinika, mana barnootaa, gabaa, leenjii ogummaa, indastirii xixiqqaa—qonnaan bulaa biratti dhiyeessudha. Ciminnifi babaldhinni Haaromee, qonnaan bulaan tajaajila barbaacha kilomeetira 50 deemee magaalaa guddoo akka hindhaqne hambisuun, dhiyeessii galtee qonnaa akka xaa’oofi sanyii filatamaa bakkuma jirutti akka argatu dandeessisa.

Dargaggeessi keenya carraa hojii dhabuun baqachuu osoo hintaane, achumatti hojii uummachuu akka danda’u taasisa. Galma qabaniin, Haaromeefi mandaroonni qonnaan bulaa ammayyaa kan walsimanidha. Magaalonni gurguddaan giddugala al-ergii yoota’an, mandaroonni qonnaan bulaa ammayyaafi Haaromeen gama isaanitiin gara giddugala omishaafi kurfeessaatti ce’uu danda’u.

Gaheen Haaromee inni biroo dinagdee baadiyyaa damdaneessisuudha. inisheetiviin indastirii godoo magaalaatti jalqabame, akkuma mandaroota qonnaa ammayyaa, gara Haaromeettis nibabaldhifama. Hojiileen daldalaafi dhaweessummaa waliin walqabatan nijajjabeeffamu.

A. Giddugalawwan Ce’uumsa Baadiyyaa
Kana malees, MNO Giddugalawwan Ce’uumsa Baadiyyaa (Rural Transformation Centers –RTCs) sakatta’iinsifi kurfeessi sadarkaa duraa omishaalee qonnaa ittigaggeeffaman babaldhachaa jiru. Giddugalawwan Ce’uumsa Baadiyyaa Maqii, Shaashamannee, Dodolaa, Roobee, Itayyaafi Olancitii kaasuu dandeenya. Giddugalliwwan kunniin Paarkiilee Qonnaa Qindaa’oo naannichaa waliin hidhata kallattii kan qabanidha.

4. Furmaata Caasawaa Olaanoo: Haaromsa Ilaal-qalbii (Psyche)
Jijjiiramni ijaarsa caasawa nafoo (infrastructures) akka gamoofi daandii qofaan hindhufu; jijjiirama seeraa, haaromsa aadaafi ilaalcha haaraan dabaalamuu qaba. Caasawa jijjiiruu qofti gahaa miti; sammuu namaa, seerafi hojmaata (superstructure) jijjiiruu barbaada.

• Haaromsa Aadaa:
Armaan dura magaalonni keenya aadaafi duudhaa ummata keenyaa tuffachuun aadaa dhuftee hordofaa turan. Tuffiin isaanii keessumaa qonnaan bulaa irratti kan garaa jabaatu ture. Aadaan keenya ganamaa, magaalaafi baadiyyaa walitti hidha malee adda hinbaasu. MNO haaromsa aadaa labsuun, magaalonni keenya aadaa, duudhaafi afaan ummata Oromoo akka calaqqisan gochaa jira. Qonnaan bulaan magaalaa keessatti akka “ormaa”tti osoo hintaane, akka abbaa qe’eetti akka ofilaalu taasisaa jira.

• Madaqiinsa Mala Jireenyaa:

Namni baadiyyaarraa dhufu, qabeenya qofa osoo hintaane, sammuufi ilaalcha magaalaa (urban mindset) akka horatuuf leenjiifi deeggarsi jaarmiyaale (institutional support) nikennamaaf. Namni qonnaan bulu, gara daldalaatti, gara indastiriitti, gara tajaajilaatti akka ce’u mootummaan leenjii ogummaa kennaafi jira.

• Lafa Akka Kaappitaalaatti:
Armaan dura qonnaan bulaan lafa isaarraa gurguree ykn ‘beenyaa’ fudhatee buqqa’aa ture. Kun sirrii miti. MNO dogoggora kana sirreessuuf imaammata, seerafi hojmaata hedduu jijjiirera. Fknf, Dambiin Invastimantii keenya haaraan (Lak. 244/2016), qonnaan bulaan lafa qabiyyee isaa akka ‘qoodaa’ ykn kaappitaalaatti qabatee invastimantii keessa akka galu taasiseera. Kun seenaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif qonnaan bulaa “dhiyeessaa lafaa” qofa osoo hintaane “abbaa qabeenyaa” (shareholder) taasiseera.

5. Guduunfaa: Waliigaltee Araaraa
Walumaagalatti, pilaaniin mummee Magaalota Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa, faandhawa ykn kaartaa ijaarsaa qofa miti. Waliigaltee Araaraa (Peace Treaty) magaalotaafi baadiyyaa gidduutti mallatteeffameedha.

Bara dheeraaf, magaalaan qonnaan bulaa irratti waraana dinagdeefi eenyummaa gaggeessaa ture. Waraana birmataa hinqabne kanaan:
• Lafa isaa saamaa ture;
• Maatii isaa bittinneessaa ture;
• Qabeenya isaa xuuxaa ture;
• Eenyummaa isaa busheessaa ture.

Yaadamni magaalomsuu haaraan, addatti ammoo pilaaniin mummee magaalota keenyaa waraana kana dhaabeera. Har’a, hariiroon magaalaafi baadiyyaa hariiroo ‘adamsaa’fi ‘adamfamaa’ miti; hariiroo sharikummaati.
• Har’a magaalaan baadiyyaa hinliqimsu; ni’hammata.
• Har’a qonnaan bulaan lafa isaa irraa hinbuqqa’u; bakkuma jirutti magaaloma.
• Har’a baadiyyaan madda galtee dheedhii qofa miti; lafa kurfeessati;
• Har’a baadiyyaan lafa hiyyummaa miti; madda badhaadhinaati.

Magaalota Oromiyaa keessatti, qonnaan bulaan lammii lammaffaa miti. Inni utubaadha; murteessadha; abbaa qe’eeti. Hojiin Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa keessatti jalqabame, magaalota gurguddaafi Haaromee keessatti babaldhachaa jiru, madaa seenaa kana kan fayyisu; lakkummaa (dichotomy) ture hambisuun Oromiyaa qaama tokko ta’e ijaaruuf bu’uura cimaa kan kaa’udha.

Muldhanni keenya ifa: Oromiyaa magaalaan isaa ammayyaawe, baadiyyaan isaa badhaadhe, ummanni isaa walqixxummaan keessa jiraatu dhugoomsudha. Daandiin isaa jalqabameera; Gahiitiin isaa garuu fagoo ta’uu hubachuun haasochoonu.

Magaalaa ni’ijaarra!
Baadiyyaa nikabachiifna!
Oromiyaa nibadhaadhessina!

Comments (0)
Add Comment